# Hortee ka,umsa oromoo

  HORTEE KUUSH
Dhalli namaa eegaa gara ardii lafaa dhufe waggoota hedduu lakkoofsiseeti jira.Dhala namaa ardii lafarratti uumaman keessaa tokko hidda dhaloota warra kuushiti. Ummanni kuush baayyinaan baha afrikaatti argamus, dhufaatin isaa kaaba Afrikaa akka tahe ragaaleen dachii irratti mul'atan ni mirkaneessani.
Kuushonni Kunis akkuma babal'achaa dhufaniin kalaqaalee garaa garaa tan ardii lafaa irratti addunyaan ajaa'ibsiifattu tolchanii fakkeenya qarooma addunyaa akka tahan wal nama hin gaafachiisu.Ummanni Oromootis qomoo warra kuushotaa keessaa qomoo bal'aafi  beekkamaadha.Baha Afrikaa keessatti baayyinaanis tahee sirnaan, hanbaalee seenaa qabaachuunis ummata beekkamuudha kushotni kunneen.
Ummanni Oromoo sirna gadaa addunyaaf fakkeenya tahee fi hundee dimookraasi addunyaa tahes qaba. Sirni gadaa warra kuushotaa Baha Afrikaa qofa odoon taane hamma Kaaba  Afrikaa bulchaa akka ture ragaaleen hayyootaa ni mirkaneessa. Siidaaleen,hanbaaleen sirna kuushotaatin wal fakkaatu hedduun kaaba Afrikaattis ni argama. FKN siidaalee biyya masrii Aswa jiran, siidaa aksum , kan nuubiyootaan hojjatamani fi piraamidiin biyya masrii ragaa ragaa quubsaadha.
Ummanni tokko altakkatti sirna hawaasummaaf,siyaasaafi dinagdee sadarkaa olaanaafi walxaxaa ta,e qabatee hin uumamu. Kun bu,aa adeemsa yeroo dheeraafi muxannoo jireenyaa hawaasaati.  Ummanni oromoo hundee irraa achii as dhufeefi seenaa ittiin aadaa sirna Gadaa ijaare qaba. Ragaaleen arki,oolojii,seenaafi xiinqooq hundee ummata oromoo qarooma hortee kuush waliin walitti fidu. Ibsi qorannoowwan kanaas ragaa qabatamaa walfakkeenya afaanii, aadaa gurmaa,ina, sirna dinagdeeefi xiin sammuu hortee kuush irratti huunda,a.kanaaf seenaan hundee ummata oromoo kuush jedhama. 
Akka ragaalee seenaafi guuboon jechootaa ibsutti " kuush" moggaasa ummata gurraacha kaaba bahaa Afrikaaf kennameedha. Barresitoonni seenaa kuush gadi fageenyan qoratan akka ibsanitti horteen saba kuush..
Sinnaar, saahoo, beejja,Banamiir,Agaw/Awi,Qimant, Geedi,o, Hadiyyaa,Affaar, kambaataa, koonsoo,Oromoo, Somaalee,Daraashee,Sidaama,Alaabaa,Qabbeenaa,Burjii,Libdoo,kan biroos ...
Sabni kuush yoom kaabaaf kaaba bahaa Afriikaa keessa akka jiraachuu akka eegale sirriitti beekuun baayyee nama rakkisa garuu beektoonni kan irratti walii galan  ummanni kun yeroo dhalli namaa ragaa keeyyachuu eegalerraa kaasee  ta,uu isaa waii galu. Desmond j clark ragaa arki,oolojii irratti huundaa,ee  kuushoonni Dh.k. D 2000 irratti biyya kaabaafi gidduu galeessa ethiopia har,aa keessatti beelada addaa addaa  akka madaksuu eegalan ibsa.akkasumas k qorattoonni  heedduun yeroo eerame kanatti horteen kuush mootummaa ittiin bulan akka hundeeffatan mirkaneessu. Dh.k.D bara 1500 moota keessa walitti  dhufeenyaafi walitti bu,insi isaan mootota misiraa(fira,oonota) duukaa qaban akka isaan aadaa, ogummaa, afaanifi amantii isaanii waliin makan taasiseera jedhama. Lola warra misirootaan irratti banama tureen naannoo kaaba sudaan ammaatti gara kibbaatti kan socho,an kuushonni magaalaa isaanii Naappataa hundeeffachuun deebi,anii bara Dh.k.D 750 tti misiroota of jala oolchaniiru. Maqaa aangoo fari,oonota jedhus dhaaluun deebisanii misiroota bulchan. Naappataa magaalaa giddu galeessa misiriif kuush taasisaniis bulchaniiru. Haala kanaan hanga bara Dh.k.D 670 tti Assariyaanoonni mesapotamiyaarraa ka,ani Naappataa barbadeessanitti kuushoonni misiriin dabalatee naannoo kaaba bahaa Afriikaa qixaan bulchaa turaniiru. Injifatamuu kanaan booda garuu gara Assariyanonni hin ga,in gara gidduu galeessa kibbaatti socho,an. Bakka kanaas gara kibbaatti babal,achuun magaalaa guddoo meero,ee jedhamtu jaarraa ja,affa  Dh.k.D huundeessanii daangaa isaanii hanga magaalaa kaartuum harraatti gayani.
Hortee kuush kan ta,e ummanni oromoos dhiibbaa mootummoota  warra Seem irraa kan ka,e seenaa jaarraa dheeraa keessatti wiirtuu aadaafi siyaasa isaa kaabarraa gara kibbaatti hanga madda walaabuutti akka jijjiirratu dirqameera. Kunis kan nu agarsiisu horteen kuush qarooma  sulula laga mormor waliin kan walqabate ta,uusaati.
Seenaan hin haaamne garuu  jaarra 16ffa keessa gareen oromoo sirna Gadaa haaromsameen of gurmeessan dhiibbaa mootummoota kaabaafi baha itiyoophiyaa irratti cime ofirraa deebisuuf madda walaabuu wiirtuu taasisatan  malee maddi oromoo madda walaabuu miti.
kun ragaa soba dabtaroonni Amaaraa akka waan oromoon madda walaabuuti ol biqilee kan godhanii barreesan jiru. Kaan maadagaskar jedhanis barresan jiru. Garuu sun huundi jibbaafi.
/Kitaaba Alberto,Antenios, "College des Galla" jedhu irraa /
BY:-Miky sultan

Comments

Post a Comment

Popular posts from this blog

# ODAA WALLOO

#Jamaa Negus(muhammad shaafii ibn muhammad xaahir)