#Eela doddotaa
''Eela Doddotaa'' Eelli doddotaa walloo goodina saba oromoo Aanaa baatee ganda doddota jedhamutti argama. Eelli doddotaa bishaan dhugaatii namaatif horii ta,uudhaan baroota dheeraa fayyadaa tureedha.seenaan eela kanaa bara 1762 AlH tti bara 250 akka harraa tilmaamamun. sheeka sheekowwan Sheh Hashim Bin idiris Bin Yusuf Bin Yaasin Bin Umar Bin Gaangul Bin ibbiyye Bin walee Bin Abbaa seeruu Ibn Abbaa gatiyye irraa kan dhalatan Yeejjuu irraa dhufanii ganda doddota jedhamtu qabatanii lafa dhakku jedhamu hanga ceeffii Qaadummaan sheekummaan bulchaa turantu_Eeboo isaanitin bishaan Eela Doddotaa baasanii hanga ammaatti bonaaf ganna ummanni ganda doddotaa ittiin fayyadamaa tureedha amaas fayyadamaa jiru. Eelli kun baroota hanganaa kana turee faayidaa ummataaf laachuun isaa waan addaati.Eelli kun akka maanguddoonni biyyaa dubbatanitti Sheh Hashim waliyyi rabbii turani.baayyee Aalima sheekni akka isaanii jaboon gootni jaalatamoo kabajamoon hin jiru ture. Yoo du,aa godhan du,aan ...